40 Duuba iti deebiani dubbi d'ibi isa gaafachu sodaatani.
Nama dubbi aka injirre si gaafate, atinileeni dubbuma aka injirre deebisifi, duuba nami si gaafate sunini aka woma imbeenne ufi arga.
Nami tokoleeni deebisu dad'abe, haga guyya suniti asi, nami tokoleeni woma isa gaafachu sodaate.
Yesoni aka inni qalbiini deebise arginaani waan jed'eeni. Atini Finna Waaqa iraa fago injirtu. Eegi suni, nami ch'ufumaanu isa gaafachu sodaate.
Duuba worri dubbi tana deebisu dad'abe.
Jari Seera beekhu ka gari waan jed'eeni, Aabbo, aka dansa jette.