Jara worraatiifi jara Herode woliini Yesoti ergani waan jed'ani, Aabbo, nu imbeenna aka atini nama d'uga, atini waan Waaqi nama ira fed'u akuma d'uga barsiifta; waan nami jed'ule iyaaltu.
Worri d'ufe waan isaani jed'ani, Aabbo, nu imbeenna aka atini nama d'uga, ka guddinna nama iyaalle; wonti akanatiifi atini fuula nama inilaaltu, ammo kara Waaqa akuma dansa nama barsiifta. Aki Kaisari damoosa baasani fullaa mo fullaaniti?
Wonti kunini waan anini jaalala namaa barbaadu fakaatti? Hiyyo! Anini jaalala Waaqa ch'alla barbaada! Anini nama heddu ka na owisu fed'a? Yo sila waan suni fed'e, anini hojattu Kristo intahu.
Ammo worri nama gugurda fakaattu anini waan kana maro waan worra iyaaleefi jed'a: Waaqi nafa nama gula nama inqoru jaaroleeni tuni waan haraa ka heredde tokole na indarre.