40 Gurbaani suni guddate jabaate; ammalle guddo qaroo, eeba Waaqa qaba.
Nami na qorqorate garaa haad'a tiyya keesaa na baaseleeni sii, harma haad'a tiyyale siumati na hosise.
Atini nama ch'ufa ira mid'aada; dubbini teetileeni qajeeltu. Haguma duriti Waaqi ya si eebise.
Gurbaani guddate nafafi lubbuuni jabaate: lafa alo keesa tae, haga guyyaani inni Israeliti ufi mullisu gahuti.
Nami isa d'agaye ch'ufti beekhumafi jecha isaa guddo maadefate.
Yesoni olguddate, qalbi horate, Waaqafi namileeni isa eebise.
Dubbini nama taate, jiddu teenna teete, nu guddinna isaa agarre, akuma guddinna Ilma tokocha ka gara Abbati bahe, ka eebafi d'ugaani guutame.
Jabeenna guddaani waan kaisa Aabbo Yeso odeesani, Waaqileeni guddise worra eebise.
Dubbi buufata, Aabbo keesa jabaad'a, irre isaa guddooni.
Atini duuba, ilma kiyya, maro eeba Kristo keesa jirtu qabduufi jabaad'u.
Niitiini ilma deete, maqa isaa Samsoni baafte. Inni olgudate, AABBO Waaqi isa eebise,
Bara suni ch'ufa gurbaani Samueli jed'ani woya qomati keeyate AABBO Waaqa hojate.
AABBO Waaqi akasuma Hana eebise, eegi suni isiini ilmaani d'iira sadiifi dubra lama d'alte. Gurbaani Samueli jed'ani huji AABBO Waaqa suni keesati guddate.
Much'aani Samueli jed'ani kaani guddachuma guddate eeba namafi AABBO Waaqale iraa kutate.
Akuma Samuelini guddatuni, AABBO Waaqi isa woliini jiraate, dubbi isa ch'ufa lafa buu d'owe guutefi.