35 aka heregi garaa nama heddu mullatu. Laalaltileeni onne tante woraanti.
Nyaapi kiyya na arabse, Waaqi kanke me? jed'e na gaafanaani, anini araba isaani suni aka male d'ukubsad'e.
Simeonini worra eebise waan haad'a isaa Mariamuni jed'e, Gurba kana ya fohatani aka nami hedduuni Israeli keesa jijige yokhaani kakau, ammalle aka akheekha waan nami hedduuni jibbu tahu,
Jaarti toko jira ta raaga ta maqaani isi Anna. Isiini dubra Fanueli ka gosa Asheri. Annani d'iirsa isi woliini ganna torbaatama teete.
D'aatu maskali, haad'a Yesotiifi arera isatiifi Mariamu niiti Kleopatiifi Mariamu Magdaleneeti ejaanje.
(Wonti suni tahu malte aka nama qajeela jiru argani.)
Aka AABBO Waaqi keesani ganna afurtama kana, lafa aloo ta gamooji tana keesa isaaniini deeme, qaabad'a; inni aka isani ilaalatu gaargala isaniti erge, aka waan garaa keesani keesa jirafi aka isani seera isaa guuttani beekhu.
Worri kunini qarale gumi teennaaniti, tanaafi nu biraa yaa; yo sila gumi teenna keesa jiraatani, nu woliini taani. Ammo wonti worri nu biraa yaeefi aka tokoleeni gumi teenna intahiini agarsiifti.