Yesoni Mana Waaqa olseene; ato nama barsiisu, qaalole gugurdofi jari gugurdaani Yahudi isati d'ufani waan jed'aniini, Atini jabeenna kamiini waan kana tolchita? Eentu jabeenna kana sii kenne?
Qaalole gugurdofi jari Seera beekhu akasi d'ageennaani kara isaani ijeesani malatani. Ammo maro gumiini ch'ufti barsiisa isaa maadefatteefi isa sodaatani.
Qaalole gugurdofi jari Seera beekhuleeni isa qabu fed'ani hojuma suni, ammo biyya sodaatani; wonti akanatiifi aka inni mammaasa kana worraafi jed'e imbeekhani.