Jennaani eegi Ayubuni jaalani isa taani sadeeni Waaqa kad'ate. AABBO Waaqi ammalle isa horsiise, waan inni duri horate kaani ch'ufa ira harka lama kenneefi.
Tanaafi gurri isaa lafa Shamu ch'ufa gahe, nama d'ukuba qabuufi ka fayyad'abaani gaargale, ka jinni qabu, ka gagabdufa, ka naafatele isatiini d'ufani, inni worra ch'ufa fayyise.
Fayyafi irreeni nafaa wo namaa darti, ammo fayyafi irreeni lubbu kara ch'ufaani wo namaa darti, maro jireenna ka ammatiifi ka hegerile namaa kennituufi.
Nami gurra qabu waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu! Nama dabsatu anini sagale manna jed'ani ta d'ossani kennaafi. Ammalle ch'abbi adi ta maqa hareesa irati t'aafani, ka nama argatu male nami d'ibiini imbeenne kennaafi.