19 Yesoni waan jed'eeni, Maalifi dansa naani jetta? Nami dansaani tokoleeni injiru, Waaqa male.
Nami waan qulqullo, waan t'uri keesaa baasu, injira? Injiru.
Nami akami dandae Waaqa durati d'uga qaba? Nami uwii d'alu akami dandae qulqullo taha?
Malaikaani waan jetteeni, Lubbu Qulqulloti siti d'ufa, jabeenni Waaqa Gudda siti gaadiseesa. Tanaafi daima qulqullo d'alatu sunini Ilma Waaqa jed'ani.
Yoosi, yo isani nami hamamaani, waan dansa ilmaani teesani kennu beetani, maro hagami hagasi ira Abbaani gubbaa Lubbu Qulqullo jara isa kad'atu kenna?
Jennaani namichi guddinna qabu toko isa gaafate waan jed'eeni Aabbo dansa, anini maani tolchu male aka jireenna hegeri argad'u?
Atini seera imbeeta, d'iirafi nad'eeni wolbarate garayu wolintolfatini inijeesiini; inhatiini; nama tokole d'araani inhimatiini abbeetiifi haateti saalfad'u.
Nami tokoleeni dandae aka aadaani teenna d'ossa qabdu imormu! Inni nafa namatiini d'ufe, aka inni qajeela Lubbuuni himte, malaikaleeni isa agarte. Gosa ch'ufati waan isaa odeesani, lafa keesati isa d'ugefatani, guddinnaani gubbati olfuud'ani.
Yesoni duuba Qaallu Gudda, ka fed'i teenna ch'ufa nuu guutu! Inni qulqullo, wollaalafi daba tokole inqabu; isa ya worra ch'ubbutiini gargari basaani, gubbati olgeesani.
Galati dansaani ka namaa kennanifi ka namaa baasani ch'ufti gubba gadi d'ufa, fulla Waaqa, ka ifsa gubba uume. Inni injijiramu yokhaani garingalu.