Waan anini isani gaafad'u, Nami AABBO Waaqa insoba? Achiini isani na sobdani ammo, Nu akami si somna? jettani. Aki isani na sobdani, waan qabdani kud'ani keesa tokofi waan d'ibi ka naa baaftanile keesa na sobdani.
Fayyafi irreeni nafaa wo namaa darti, ammo fayyafi irreeni lubbu kara ch'ufaani wo namaa darti, maro jireenna ka ammatiifi ka hegerile namaa kennituufi.