Ilmi Nama d'umnaani nyaate d'uge, duuba isaani waan jettani garaade kana ilaala ka farso d'ugu; inni jaala nama damoosa guuratifi ka nama daba jettani.
Jennaani namichi Farisayo ka isa gololche kaani garaa ufi keesati waan jed'e, Ato sila namichi kunini raaga tahe, aka niitiini isa tut'u tunini sharmut'atiifi nama daba imbeekha.