51 haga d'iiga Habilitiifi haga d'iiga Zekaria, ka jiddu fulla sorio iti qalaniifi fulla qulqulloti ijeesani. Ee, waan anini jed'u, d'iiga ch'ufa d'aloota kana iraa fed'ani.
Eegi suni ilma d'ibi d'alte maqa Habili baafteefi. Habiliini nama ree tissu, ammo Kainiini nama oobru qotu.
Duuba atini waan worraani jettu, Isani gosa dubbi AABBO Waaqatifi gorsa isale diddu; d'ugaani ya lafa keesaa badde, nami waan isii dubbatu injiru, deebianile inqaabatani.
Jia saddeeteeso, ka ganna lameeso, haga Darioni hayyu tahe, dubbini AABBO Waaqaa raaga Zekaria, ilma Berekia, ka ilma Idoti d'ufte waan jette,
D'iigi worra woma iyakini ch'ufti mata keesani gubba jira, d'iiga Habiliti haga d'iiga Zekaria ilma Barakia, ka isani Mana Waaqatiifi waan sorio irati baasani jiddu lamanti ijeeftani.
D'ugefachati Habili sorio ta Kaini ira dansa baasise. Maro d'ugefacha isatiifi Waaqi, Nama d'uga isaani jed'e, waan Waaqi sorio isaa fud'ateefi. Maro d'ugefacha isatiifi Habilini arrale dubbata, ato duele.
Isani la Yesoti d'uftani, ka wold'aqisa haraa tolche, ammalle la d'iiga fifit'ani, ka d'iiga Habili ira waan dansa himuti d'uftani.
Aka Kaini tahu himmalle; inni goli Sheet'ana tahe, oboleesa ufi ijeese. Kaini maafi isa ijeese? Maro wonti oboleesi isaa tolche qajeela taate, ta inni tolche hameenna taateefi.