5 Yesoni waan jara ufitiini jed'e, fakeenna, Yo nami toko isani keesa halkani guddo mana jaala ufi d'aqe waan jed'uuni, Jaali, qit'a sadi naa kenni.
Ch'ubbu teenna nu araarami, aka nuleeni nama nuti ch'ubbame araaramnu. Ilaalacha nutiini ind'ufiini.
Keessuma tokoti ammumatana nati gore, ammo anini waan iti kennu inqabu.