Isiini deemte jinni torba d'ibi ta isi ira hamtutiini d'ufti; duuba seenani achi qubatani. Jireenni nama suni ka lameeso jireenna qara ira hama. D'alooti hamaani kunileeni akasuma taha.
Gaargala keesani, jara Seera beekhufi Farisayo! Kiyyibdoole! Galaana taakitani, lafa fago yaatani, aka nama toko aada teesani barsiiftani; yo inni barate, maro lama haga keesanile ira ibidaa male!
Eegi suni Yesoni namicha kaani Mana Waaqa keesati arge waan jed'eeni, Me ilaali, la fayyite. Iti deebite daba intolchiini, aka waan hagana ira hamtu inarganne.
Yo nami oboleesa ufii ka daba nama ijeesu tolchu arge, ha Waaqa kad'atuufi: aka Waaqi jireenna isaa keennu. Wonti kunini waan nama daba nama ijeesa intolchiini dubbatti. Ammo dabi nama ijeesu injira; anini, daba kana Waaqa kad'ad'a isaniini injed'u.