34 Isati d'iaate, mada isaa hid'e, d'ad'afi qorsa dibe gaange ufi gubbaa kaye, Mana keessumatini d'ufe isa qorqorate.
Fulla bultiti worri nami toko harre mid'aani kenna subba ufii hiikhe jennaani beese qara mid'aaniini bitate taani keesati arge.
Inni nama ufi jibbaate garaa hamaate fayyise, mada worrale hid'a.
Kara keesa, fulla inni buleti, AABBO Waaqi Musani bahe ijeesu fed'e.
Isiini waan dandeetu naa tolchite, nafa kiyya d'ad'a dibde, awaala kurfeesite.
Ammo namichi lafa Samaria toko, ato kara deemu, isaani bahe; isa arge jennaani naheefi.
Boriyya qarsi lama baase abba manati kenne waan jed'eeni, isa qorqorad'u, hori atini iti darte deebieti sii baasa.
Isiini ilma angafa deete, woya daimati uyifte, waan mana keessuma keesaa fulla d'abaniifi, gombo keesa rafifte.
Ammo akuma t'aafiini jettu: Yo nyaapi kanke beela qabaate, nyaachisi; yo inni d'eebu qabaate, bisaani obaasi; yo waan kana tolchite, ch'ile owitu mata isaa gubbati guurta.
Qorqorad'a, aka nami tokoleeni haalo woli imfuune, hojja ch'ufa waan dansa wolifi nama d'ibile tolcha.