24 Wonti akanatiifi anini isaniti hima, raagootafi hayyooti hedduuni waan isani argitani kana argu feete ammo d'ad'abde, ammalle waan isani d'ageetani kana d'agayu feete ammo d'abde.
Ammo ayaana keesani ka ilti teesani lafa gartu, gurri keesanileeni woi d'agayu.
Jennaani Yesoni jara ufiti garagale d'ossaani waan jed'eeni, Ayyaana ila waan isani argitani argatu.
Jennaani namichi Seera beekhu toko, aka sila Yeso ilaalatu, olkae waan jed'eeni, Aabbo, maal tolchu male aka jireenna hegeri argad'u?
Abbaani keesani Abrahamuuni maro guyya kiyya arguufi gammade. Arginaani qilit'ame.
Worri kunini ch'ufti d'ugefacha keesa due. Waan Waaqi lafa keesa worraa kakhate inarganne, ammo fagoti argani heregatani, ammalle, Nu keessuma baqa yaatu jed'ani diideesani himani.
Worri kunini maro d'ugefacha ufitiifi maqa dansa argate! Ammo waan Waaqi kakhateefi inarganne,