Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Luqaas 10:22 - KITAABA WAAQA

22 Abbaani kiyya yayu waan ch'ufa nati kenne: nami tokoleeni ka Ilma beekhu injiru Abba male, ammalle ka Abba beekhu injiru Ilmaafi nama Ilmi garsiisu fed'u male.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Luqaas 10:22
20 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Hojja suni Yesoni waan jed'e, Anini galata sii deebisa, Ee Aabbo, Abba lafafi gubba, waan atini waan kana worra qalbi qabuufi worra wo barate d'ossite ijoolle didiqoti mullifteefi.


Waan ch'ufa Aabbooni ya harka kiyyati kenne. Abba male, nami Ilma beekhu injiru, ammalle nami Abba beekhu injiru, Ilmaafi nama inni iti mullisu fed'u male.


Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.


Nami tokoleeni taka Waaqa ingarre, Ilma tokocha, ka Abbaani takaa, ka d'aatu Abbaa tau male, isati Waaqa nama beesise.


akuma Abbaani na beekhe, anileeni Abba beekhu. Anini jireenna kiyya maro hooliyetiifi baasa.


Yesoni aka Abbaani waan ch'ufa harka isaa keesa kaye, ammalle aka inni gara Waaqaati bahe Waaqati deebiu beennaani,


Wonti kiyya ch'ufti keti, wonti kankeleeni kiyya; guddinni kiyya worra keesa mullata.


Atini humna nama ch'ufa ira ya isaa kennite, aka inni nama ch'ufa ka atini isaa kennite jireenna hegeri kennuufi.


Anileeni maqa kanke yayu worra barsiise, ammalle inuma barsiisa, aka jaalalti atini na jaalatte worra keesa teete, anileeni worra keesa tau jed'e.


Ee Aabbo, amma tana guddinna naa kenni, guddinna nu ato lafti inuumamiini woliini qamnu suni.


Abbaani Ilma jaalate waan ch'ufa harka isati kenne.


Gaafa muummeeni d'uftu Kristoni hayyootafi jabeennaafi humna ch'ufa dabsateti Finna ch'ufa harka Waaqa Abbati kenna.


Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.


Kristoni achiti hayyoota gubbafi jabeennaafi irreefi nama jaba ch'ufa fida; inni maqa ulfinna ka lafa tanaatiifi ka hegerile ch'ufa ira jira.


aka inni waan ch'ufa mohatu tolchite. Waan jed'ani, Waaqi nama aka inni waan ch'ufa mohatu tolche; waan ch'ufa jechaani waan tokole iraa inhambimne jecha. Ammo nu ammatana nama waan ch'ufa fidu inarginu.


Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.


Nami barsiisa Kristo keesa inteenne, ammo biraa dabru, Waaqa inqabu. Nami barsiisa suni keesa tau Abbaafi Ilmale inqaba.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ