79 Aka nami dukana keesa tataufi ka gaadisa duisa keesa tatuleti ifsu, aka faana teenna kara nagayaati qajeelchu.
ta dukanti isii sipeeni gaandidoofte nama wo gassitu, ta ifsaani isiileeni ch'ufti dukana fakaatu.
Guyyaani sunini ha gaandidae dukanauti; dumansi ha ira tahe, adu d'osse dukaneesuti.
Nami gari dukanae, dukana keesa taa, worri nama hid'aansa keesa jiru ka sansalatani hid'ani fakaata.
Inni gaargala dukana kaani keesaa worra baase, sansalata worraani hid'anile ch'ach'abse.
Yo anini dukana sipe keesa deemule, ee AABBO Waaqa, atini na woliini jirta, tanaafi anini woma insodaad'u. Uleefi harch'umeeni tante na jabeesiti.
Nami AABBO Waaqa sodaatu eenu? Waaqi nama akasi suni kara fohateefi agarsiisa.
ammo atini nu qarqaaru didde, nyeench'afi worabesati nu lakifte, dukana sipe keesa nu buufte.
Ammalle inni jireenna sii mid'aase nagaya sii kenna.
Anini kara d'ugaa gula deema, daandi qajeeluma iraa ingoru.
Anini gumi tiyya balla kara worri imbeenne gulaani deema. Anini dukana worraa ifsa tolche, lafa gooro qabdu worraa dirirsa. Waan kana anini tolchu male intau.
Atini balla ila bante, nama hid'aansa dukanaa keesa tau keesaa baafta.
Waaqi qulqullooni Israeli, AABBOONI ka isani baasu, waan jed'u: Anini AABBO Waaqa keesani ka dansuma teesaniifi isani barsiise, kara isani yau maltani isani qajeelchu.
AABBO Waaqi waan jed'u, ch'ubbichi nagaya inqabu.
AABBO Waaqi waan nani jed'e, Anini huji jabdu sii kennu qaba, hojatu tiyya. Atini worra Yakobo galchite, worra Israeli ka hafe guddinnati deebifte; ammo hagasi ch'allaniti, anini ifsa gosa ch'ufale si tolcha, aka akasiini lafti ch'ufti baafama kiyya argattu.
Ammalle anini waan jara hid'aansa keesa jiruni jed'u, Ga baha! Worra dukana keesa jiruleeni waan jed'u, Ifsaati ga baha! Worri akuma hooliye gaareeni gubba oole, adaala kubii ch'ufa ira d'eeda.
Fulla isani baatani tokole lafti nagaya inqabdu. Wonti isani tolchitani tokoleeni d'uga inqabdu. Kara qajeela intahini gula yaatani, nami kara suni gula yau tokoleeni nagaya inqabu.
Worri duri dukana keesa yau, amma yayu ifsa gudda arge, worri duri lafa gaandiddooftu keesa taa, ammo amma tana ifsaani ya worrati ifse.
Worri, ato anini lafa Misiri keesaa baase lafa aloo ta gamooji lafa d'eebicha ta maansa qabdu, lafa goddu gaargala heddu qabdu, ta nami tokoleeni iti qubate yokhaani imaltule keesa indeemne, keesa worraani deemele, diqole na iyyaalle.
AABBO Waaqi waan gumi isaatini jed'e, Fulla woldeenna karaa ejaanja wo ilaala kara dullachaafi kara iraa dansa gaafad'a! kara suni gula yaa, nagaya argattani. Ammo worri waan jed'e, Hiyo nu kara suni gula iyyaanu.
Nami dukana keesa tau yayu ifsa gudda arge worra ardaafi gandidu duisa keesa tatau ifsaani yayu iti mullate jettu.
Ifsa ka gosa d'ibileti ifsu, ammalle ka guddinna gosa tante Israeliti kennu.
Ifsaani d'uga, ka nama ch'ufaa ifsu, lafati d'ufu jira.
Anini lafa tanati aka ifsa tahu d'ufe, aka nami na d'ugefatu dukana keesa inteenne.
Yesoni ammalle dubbate waan worraani jed'e, Anini ifsa lafaati. Nami na gula d'ufu dukana keesa indeemu, ammo ifsa jireennaa argata.
Anini haga lafa keesa jiru ifsa lafaati.
Dubbi suni ta Waaqi gara ijoolle Israeli erge, aka nagaya Yeso Kristo keesa hasaani, inni Abba nama ch'ufaati, isani imbeetani.
Atini ila worraa bante, dukana ira gara ifsa worra deebifta, ammalle jabeenna Sheet'ana iraa Waaqati worra deebifta; aka d'ugefacha worri na d'ugefateeni daba worraa araaramaniifi, gumi Waaqi fohate keesati fulla argatani.
Kara nagaya imbeekhani,
Isanumanu duri dukana keesa jirtani, ammo haga gumi Aabbo taatani, ifsa ke jirtani. Tanaafi aka nama ifsa keesa jiru tahu maltani.