55 ammalle aka haga jiru Abrahamufi d'aloota isaati nahu qaabate.
Nama si eebisu anini eeba kennaafi, ammo nama si abaaru anileeni inabaara. Si gula anini gosa ch'ufaa eeba kennaa.
Ammo Waaqi waan jed'eeni, Hiyo, intaatu. Niitiini tante Saraani ilma sii d'alti, atini maqa Isaaqo baasiifi. Anini isaafi ilmaani isaale wold'aqisa haga jiru jireenna woliini tolfad'a.
Anini wold'aqisa siifi ilmaani teetifi d'aloota d'ufule woliini tolfad'u jabeese, wold'ageetiini teenna ta jiru jireenna taati. Anini Waaqa keetifi ka ilmaani tanteeti taha.
gochiti lafa tana ch'ufti maro ilmaani tetitiifi eeba argatti, waan atini dubbi tiyya d'ageeteefi.
Anini ilmaani heddu ta haga urji garaa Waaqa geetu sii kenne lafa tanale ch'ufa ilmaani sunii kenna. Gochiti ch'ufti ilmaani tante gula eeba argatti.
Isiini aka biyye tana taate, lafa tana mirgaa bitaa fud'atte sifi ilmaani teetiini gochi ch'ufti eeba argatti.
Inni yayu garbicha ufi Israeli qarqaare, akuma ababoota teennati kakhate,
Mariamuni haga jia sadi isi woliini teete duuba worra ufiti galte.