50 inni worra isa sodaatu inaha, d'aloota ch'ufa keesa.
Anini wold'aqisa siifi ilmaani teetifi d'aloota d'ufule woliini tolfad'u jabeese, wold'ageetiini teenna ta jiru jireenna taati. Anini Waaqa keetifi ka ilmaani tanteeti taha.
Isani ana, AABBO Waaqa keesani, ch'aqasu maltani, duuba anini harka nyaapa keesani keesaa isani baasa.
Jaalalti inni nama isa sodaatu jaalatu haguma fageenna lafafi gubbaani wolhanqattu geeti!
Inni nama isa sodaatu ch'ufa, diqaafi guddale ineebisa.
Nami AABBO Waaqa sodaatuleeni ha, Jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu jed'u.
Inni nama isa sodaatu, waan inni fed'u kennafi; inni boha worraa d'agaye worra baasa.
ammo nama isa sodaate, jaalala isa ta ind'umanne abdatuti isa gammachiisa.
Wonti atini nama si sodaatu olkeete akami dansa! Nami ch'ufti aka atini dansa imbeekha, aka atini nama si d'ugeefatu jabeesite qorqorattule.
D'uguma baafami isaa nama isaa sodaatu iraa fago injiru, akasiini guddinni isaa lafa teenna keesaa imbahu.
Ammo anini d'aloota kunki kunki ka na jaalate seera kiyya guutu jaalad'e nahaafi.
maro Waaqi ka jabeenna qabu waan jabdu na tolcheefi. Maqaani isaa qulqullo;
Jennaani fulla barch'uma guddinnati qonqooni gadi baate waan jette, Waaqa keenna faarsa, hojattuuni isaa ch'ufti, nami ch'ufti diqaafi guddaleeni, nami isa sodaatu ch'ufti!