36 Me ilaali Elisabetini fiit'ani tante ta qara ya maseente jed'ani yayu eegi, jaarte ilma d'iira garaachoofte; kunini jia isii ka jaeesooti.
Saraiini maseena, taka woma ind'alle.
Saraiini, niiti Abramu, ijoolle tokole isaa ind'alle, ammo isiini intala tisse toko ta gosa Misiri qabdi, ta maqaani Hajiri.
Abrahamufi Saraleeni ya jaarani fulla gahani; Saraleeni la d'alti keesa hobaate.
isiini garaachoofte jaaruma isaa keesa Abrahamuu ilma d'alte. Guyyuma Waaqi Ind'alata jed'e, ilmi suni d'alate.
Akuma Elishani jed'e kaani wogaani sunini marraani isiini ilma deete.
Guyya d'alootatifi guyya dua; guyya oobranifi guyya buqisani;
Malaikaani waan jetteeni, Lubbu Qulqulloti siti d'ufa, jabeenni Waaqa Gudda siti gaadiseesa. Tanaafi daima qulqullo d'alatu sunini Ilma Waaqa jed'ani.
Wonti Waaqi tolchu indandeenne tokoleeni injirtu.
Bara Herodeni hayyu Yahudi, qaallicha toko jira ka Zekaria jed'ani ka balbala qaalole Abiya jed'ani. Niiti isa maqaani Elisabeti ta isiileeni balbala worra qaalole himatu.
D'ugefachati Abrahamu ijoolle kenne, ato inni guddo jaare, niitiini isaa maseena taatele. Inni aka Waaqi kakhu ufi inch'absine ind'ugefate.