8 Inni ha qaallutini d'ufu, duuba qaallichi suni ha simpirre qara sorio dabaani ufira baasani baasu. Inni simpirre suni, ka mata ira inkunne,
Duuba qaallichi ha fulla mesa sunini d'ufe, mata miich'ire iraa kute, waan aka mesa suni irati gubuti, duuba d'iiga ha d'aatu waan aka mesa suniti keesaa baasaniti.
Inni ha koola lachu fuud'e, nafa isaa gargari tarsaasu, ka koola suni iraa imbuqimne, ammalle ha fooni suni waan aka mesa kaani irati gubuti, aka akasiini ch'inch'aani waan gubani suni AABBO Waaqa gammachiiftu.
Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.
Maro daba keennatiifi isa ijeesani, ammalle aka d'uga nu hereganiifi isa kaasani.