9 Duuba inni waan jed'e, Hojja anini nagayaani deebie mana keesani d'eera kana ch'abse balleesa!
Zebafi Salmunani Karkori jirani, duula ufi woliini. Nami duula, ka worra ilaboru ka hafe, nama kunki kud'ani shani ch'alla; nama kunki d'ibba tokofi diddama ch'ufa yayu ijeesani.
Ammalle mana d'eera Penieli kaani ch'ach'abse worra d'iira ka dira suni fit'e.