5 Kobele worra duulaatiifi woya isaani, ta d'iigi balleese, ibidaani gubani.
Yakobooni fulla suni Penieli maqa baase waan jed'e, Ya Waaqaani fuula keesa wolargine iraa hafe.
Inni lafa ch'ufa keesa nama woli had'u d'owe, guube ch'ach'abse, woraana balleese, wontele guba.
Gaareeni ha waan nami horatu baaftu kubileeni ha d'ugaani namaa d'uftu.
Aka dansaa ch'aqasa, waan isiini jette ch'ufa guuta. Isi jala indidina, wonti akanatiifi anati isi erge, isiini nama isi didu tokole inaraaramtuufi.
Iyyaana gaara iraa d'uftu ch'aqasa — qonqo gumi guddo, gosa heddu wolti baate. Waaqi abba duulaa duula ufii had'iisaa kurfeesu jira.
Inni gosa woldidu wolti araarsa. Worri goraade maarasha tumate, woraana haamtu tolfata. Gochiti deebite woraanani wolinhaatu, deebiani waan lola barattani woli inhad'ani.
Duri duri, fulla ibidi guddaani toko hayyu Ashuru iti gubu kurfeesani. Fullaani sunini gadi qile, ammalle ballo, qoraanileeni arti miju. Duuba AABBO Waaqati hafuura isaatini ibida gabaase guba.
Malaikani AABBO Waaqa fulla duuli Ashuru jiru d'at'e, askarti nama kuma d'ibbafi saddeetami shani hobaafte, boriyyaate lafti bariinaani nami reefa ufuma ch'iisu arge.
Jabeenna isaatini AABBO Waaqi nad'eeni Yerusalemu qulqulleese ch'ubbu worratiifi d'iiga achiti jissani d'iqa.
Atini qaampara worrati ulfaatefi ule gurmu worraa d'aante ch'absite. Atini gosa gosa teesani dabsite balleesite dabsate, akuma duri atini duula Midiani dabsate.
Daimi ya nuu d'alate! Ilma ya nuu kennani! Isati hayyu keenna taha. Maqaani isaani yaamani: Abba mala dansaa, Waaqa Guddaya, Abba jiru jireenna, Hayyu Nagaya.
AABBO Waaqi waan jed'u, Guyyaani ind'ufa, ka anini d'aloota Daudi keesa nama d'uga toko fohad'e hayyu tolchu. Hayyichi sunini kara dansaani nama fidde, waan d'ugaatifi ka qajeela lafa ch'ufa keesati tolcha.
Worri kotte fardatifi dibbeesa gaaritiifi girreesa miila isale d'agaya. Abootini garagalte ilmaani ufi infud'attu; harki worraa akanumati naasuuni iraa jiga.
Hojja worri fiit'e gaara gubba gulufu, akuma gaari fardi hirkisu qiqillisa; ammalle akuma ibida jirma marraa gubu d'ud'uqisa; akuma nama lola yau ch'orora.
Duuba qaallichi ha waan kana ch'ufa waan mesa fakaata kaani irati gube, AABBO Waaqaa sorio baasu.
Duuba qaallichi ha waan kana ch'ufa waan mesa fakaata kaani irati gube AABBO Waaqaa sorio baasu, aka akasiini ch'inch'aani isii AABBO Waaqa gammachiiftu. Gabbinni ch'ufti ka AABBO Waaqaati.
Isani worri Yerusalemu, duula keesani wolti baasa! Ya marsani nu had'ani! Hayyu Israelile ya d'abanaasani!
Ch'aqasa, d'uqeesa lichotiifi kokeesa miila gaaritiifi gulubsu fardatiifi dibbeesa gaarile!
Nami Mana Waaqaa jaare guddinna hayyu argate gosa ufii fidu isuma. Qaallichi toko barch'uma isaa ka hayyu d'aatu eje, wold'agayani woliini taani.
Anini bisaaniini isani batisa, aka akasiini isani daba iraa deebiti garsiiftani; ammo nami faana tiyya d'ufu nara jaba; seemsa kope isaa anini qabachu himmalle. Inni Lubbu Qulqullofi ibidaani isani batisa.
Anini waan mama gubbati agarsiise, lafa keesaleti akheekha agarsiisa: D'iigafi ibidafi aarati lafati bua.
Wonti araba ibida fakaatta toko worrati mullatte worra ch'ufa ira teete.
ibida bobauuni, aka worra Waaqa imbeenneefi ka d'aamsa qulqullo Yeso Kristo inch'aqamne gaargalchu.
Malaikaani waan jetteeni, Maanifi maqa kiyya beekhu feeta? Maqaani kiyya maqa mamaati.
Ato Sauloni qaallicha sunini dubbatu, gohaanti olla Filisti keesaa d'uftu haga qarale ira dabarte; duuba Sauloni waan isaani jed'e, Ufira yaala bahi, yoi nu AABBO Waaqa gaafannu injiru.