Nami nama ch'ufa ira hiyyeesa d'eeda argate, ka woma inqamne nagayaani taa. Ammo AABBO Waaqi beela hamtu isani worra Filistiti erge, nama tokole bahu d'owa.
Duuba amma AABBO Waaqi yayu gumi isaati dallane, harka d'eerefate, balleesaa iti kaye. Gaareeni chochoote, reefi nama hobae aka huura kara dira keesa ch'iisa. Ato akasile taate, dallansuuni AABBO Waaqa isa ira ingaltu, ammalle harka d'eerefate nama d'aanu fed'a.