Nami akana kunini namuma daara nyaatu fakaata. Daallumti isaa isa balleesite qarqaarsa isa d'owarti. Inni aka wonti inni harkaani mid'aafate kad'atu sunini waan d'ara, ka waaqa intahini, ee injed'u.
Sagale d'umattu inhojatiina, ammo sagale haga jireenna hegeri teetu ta Ilmi Nama isanii kennu hojad'a, wonti akanatiifi Waaqi Abbaani yayu beesisa ufi isa ira keyate.
Barsiisaani d'ibiini ta qajeeltu intahiini, d'uga ira isani ingorsiini. Guddo dansa yo eebiti Waaqa garaa nu jabeesite, fulla seera sagale gula yaani ira; wonti akanatiifi worri seera kana gula yau qarqaarsa tokole ira inarganne.