13 AABBO Waaqi waan jed'u, Hojatu tiyya hujiini isa ch'ufti ineebifamti isa guddo ulfeesani guddinna iti kennani.
AABBO Waaqi waan jed'u, Hojattuuni kiyya ka anini jabeesu kuno kana, inni nama ani fohad'e, isumati na gammachiisa. Anini ya lubbu tiyyaani isa guute tanaafi gochiti ch'ufti maqa isaatini d'uga argatti.
Na ch'aqasa, gosa lafa fago teetu ch'ufa! Ato anini ind'alatini AABBO Waaqi na fohate hojatu na tolfate.
Duuba inni waan nani jed'e, Ee Israeli, atini hojatu tiyya, maro teetifi biyyiti na faarsiti.
Tanaafi anini fulla guddinna ta hayyooti gugurdoni irre qabdu teetu isaa kenna. Waan inni fed'i ufitini jireenna ufi baase worra ch'ubbu woliini duefi. Inni ch'ubbu nama heddu fed'ate, ammalle aka ch'ubbu worra suni araaramanifi Waaqa kad'ate.
Anini Waaqa gudda, qulqullo, haga jirule tau. Anini gubba fulla qulqullo taa, ammo nama ch'ubbu iraa deebie ufi diqeesule woliini taa, aka akasiini garaa worraa jabeese abdi kennuufi.
AABBO Waaqi waan jed'u, Guyyaani ind'ufa, ka anini d'aloota Daudi keesa nama d'uga toko fohad'e hayyu tolchu. Hayyichi sunini kara dansaani nama fidde, waan d'ugaatifi ka qajeela lafa ch'ufa keesati tolcha.
Anini hayyu aka hojatu tiyya Daudi jiru worraa kenna, ka tisse worra qorqoratu.
Duuba Yoshua, qaallicha gudda ch'aqasi, ammalle qaalole wahela isaa isanileeni ch'aqasa, isani akheekha dansa milki ka d'ufu: anini hojattu tiyya ta Dame jed'aniini d'ufa!
Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.
Nami gubba gadi d'ufu nama ch'ufa ira jira; ka lafa keesa tau ka lafaati, ammalle waan lafa hasaa. Ka gubba gadi d'ufu nama ch'ufa ira gudda.
Inni ifsa guddinna Waaqatiini biliqa, akuma Waaqi jiru innileeni jira, waan uumani ch'ufa dubbi jabeenna isatiini olqaba. Eegi daba nama iraa qulqulleese, inni gubba harka mirga ka Waaqa Guddinna gubba tae.