Isaya 51:9 - KITAABA WAAQA9 AABBO Waaqa, kai, nu qarqaari, harka keetiini nu baasi, akuma atini duri tolchite. Nami goorjama Rahabu jed'ani gargari ch'ire siiniti? အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Waaqi tokoleeni, ka taka deeme nama lafa d'ibi keesaa fuud'e nama ufii tolfate, aka AABBO Waaqi keesani isani lafa Misiri keesaa fuud'e injira? Ila teesani durati inni irre isaatiifi jabeenna isaatini gaargala lolaatiini d'ufe, waan taka nami arge ind'agayinifi waan mama tolche, waan nama sodaachisa heddu tolche.
Gideonini waan jed'eeni, Aabbo Sila wo si gaafachu fed'a, yo d'uguma AABBO Waaqi nu woliini jiraate, wonti kunini ch'ufti maanifi nu d'aqabdi? Wonti mama ka duri inni abbooti teenna tolche, ka nu worra ira d'ageenne — aka inni worra lafa Misiri keesa baase meeti? AABBO Waaqi ya lafa nu buuse harka worra Midianiti nu lakise.