Akuma nyeench'i goda isaa keesaa bahu, akasuma nami gosa ch'ufa balleesu ya gabahe. Inni lafa Yuda balleesu d'ufe. Diri Yuda bade ona taha, nami iti galu injiru.
Diri goda nyeench'a fakaatu kaani amma meeti? Fullaani kuble nyeench'a iti nyaachisani, ta kormafi d'alaani nyeench'aa iti gale kuble ufii qorqoratu, me?