Isaya 5:25 - KITAABA WAAQA25 Duuba amma AABBO Waaqi yayu gumi isaati dallane, harka d'eerefate, balleesaa iti kaye. Gaareeni chochoote, reefi nama hobae aka huura kara dira keesa ch'iisa. Ato akasile taate, dallansuuni AABBO Waaqa isa ira ingaltu, ammalle harka d'eerefate nama d'aanu fed'a. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Waan atini Harunini jettu, Ule tante fud'ad'u, bisaani lafa Misiri keesa jira ch'ufa ira olqabi, galaana taanaani, dambala taanaani, haro taanaani, fulla bisaani naqattu ch'ufa ira olqabi. Duuba bisaani lafa Misiri keesa jira ch'ufti d'iiga tahani. D'iigi sunini waan bisaani iti woraabani ch'ufa ka mukhaafi d'akhaani mid'aasani guuta.
Tanaafi AABBO Waaqi kaima tokole fiigu d'owu dide, nad'eeni hiyyeeyifi ilmaani hiyyeeyile nahu dida; wonti akanatiifi gumiini tokoleeni Waaqa imbeetu, waan hamtu tolchite hameenna ch'alla dubbatti. Ato akasile taate, dallansuuni AABBO Waaqaa isa ira ingaltu, inni harka d'eerefate ammalle worra d'aanuu fed'a.