15 Nama diqaafi guddale ch'ufa ch'eersani, nama ufi guddisu ch'ufa diqeesani.
Nama ufi insaane baafte nama ufi saadu lafa buufta.
Ee AABBO Waaqa, anini ufi saadu ya lakise deebie ufi inkoorsu. Anini waan jabdu waan inhubanne keesa imbuu.
Nami hafuuruma baafatani fakaata; diqaafi guddaleeni akuma taka jira, woma keesa injiru. Miisana gubba kai, biimi worri diqole inuulfatu, hafuurale ingahu.
Atini ammalle guddo ufi olfuute worra kiyya gad'iisu didde.
Ammalle nama gariti jira, ka aka male ufi saade nama dansa ufi sehu!
Ammo AABBO Waaqi waan jed'u, gaafa anini huji tiyya gaara Sioni gubbafi Yerusalemu keesale hobaasu, anini hayyu Ashuru ingaargalcha, waan inni akasi kiyyibe ufi olfuud'eefi.
AABBO Waaqi guddaani irre isaatini, akuma dame mukha ch'irani, worra ch'ire lafa buusa, ka kiyyibe ufi olifuud'u murre gadi buusa.
AABBO Waaqi waan jed'u, Anini baddi lafatini d'ufe, nama ch'ubbu qabu ch'ufa maro ch'ubbu isaanitifi gaargalcha. Anini kiyyiba ch'ufa d'owe, nama hamama ufi olifuud'ule gaargalcha.
Guyyaani ind'ufa, ka nama kiyyibu hobaasani nama ufi saadule balleesani. Gaafasi AABBO Waaqa ch'alla guddisani.
Guyya suni AABBO Waaqi guddaani nama irre qabu ch'ufa diqeese, nama kiyyibe ufi saadule ch'ufa akasuma tolcha.
Kiyyiba nama ira kutani saadu nami ufi saadule iraa balleesani. Waan harkaani boch'ani kad'atani qulqullumaa lafaa d'abani, guyya suni AABBO Waaqa ch'alla guddisani.
Akanaani nama ch'ufa qanch'arsani ch'eersani. Ammo Waaqa atini worraa inaraaramiini!
Nama atini arabsite goyeesite kana eenu seeta? Nami atini tufate sunini anuma, Waaqa Israeli qulqullo.
Anini yayu kiyyiba kanke suni d'agaye tanaafi amma kiyyoofi lugama siti kaye si hirkise kara atini d'ufte kaani si deebisa.
Anini maro waan kanatifi worra gaargalchu himmalle? Yokhaani gosa akana tana haalo baafachu himmalle?
Amma anini, Nebukadrezani, hayyu gubbaa faarse ulfeese guddisa, hujiifi karaani isaleeni ch'ufti ka d'ugaati. Inni nama ufi guddisu ch'ufa dandae kiyyiba iraa kuta.
Gaafasi isani gumiini tiyya waan isani qara na diddanifi deebitani inch'eertani. Anini nama kiyyiba ufi saadu ch'ufa isani keesaa baase, isani deebitani gaara kiyya qulqullo irati mi mata d'aabdani ufi inguddiftani.
Akasuma isani kaimi, jaarole saalfachu maltani. Nami ch'ufti ha ufi diqeese woli hojatu; wonti akanatiifi Waaqi worra ufi guddisuuni morka, ammo ka ufi diqeesu ineebisa.