Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Isaya 49:9 - KITAABA WAAQA

9 Ammalle anini waan jara hid'aansa keesa jiruni jed'u, Ga baha! Worra dukana keesa jiruleeni waan jed'u, Ifsaati ga baha! Worri akuma hooliye gaareeni gubba oole, adaala kubii ch'ufa ira d'eeda.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Isaya 49:9
37 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Inni waacha worra hid'aansa keesa jiru d'agaye, nama duisa iti murani gad'iisa.


nama dabsanile dubbate nama beela qabule beela baasa. AABBO Waaqi nama hid'aansa keesa jiru hiikhe,


Hiyyeesi haga fed'u nyaate quufa; nami AABBO Waaqa barbaadu isa faarsa. Worri sunini ha haga jiru jireenna hormaata qabaatuti!


AABBO Waaqi nama isaa ka gaaragala qabu d'agae, gumi isaa ta hid'aansa keesa jirtule inded'u.


Anini gaara gubbaani isaa adaala ira galaana yaase, baleele maddisiisa, anini lafa gamooji haro bisaani tolche, lafa goddule madda bisaani tolche.


Anini gumi tiyya balla kara worri imbeenne gulaani deema. Anini dukana worraa ifsa tolche, lafa gooro qabdu worraa dirirsa. Waan kana anini tolchu male intau.


Atini balla ila bante, nama hid'aansa dukanaa keesa tau keesaa baafta.


Waaqi qulqullooni Israeli, AABBOONI ka isani baasu, waan jed'u: Anini AABBO Waaqa keesani ka dansuma teesaniifi isani barsiise, kara isani yau maltani isani qajeelchu.


Dira bade ona tahe kaani keesa hooliyeeni marra d'eedde laleesileeni achi tikhata.


AABBO Waaqi guddaani yayu lubbu isaatini na guute. Inni yayu na muude na erge, aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeese, nama guddo garaani laalala qabu fayyise, nama hid'aansa keesa jiru ha hiikhaani jed'e, nama hid'anile hiikha.


Tanaafi AABBO Waaqi guddaani waan jed'u: Worri na kad'ate seera kiyya guutu aka dansaa nyaata d'ugaati qaba ammo isani gaargala beelafi d'eebu qabdani. Worri ingammada, ammo isani inch'eersani.


Worri duri dukana keesa yau, amma yayu ifsa gudda arge, worri duri lafa gaandiddooftu keesa taa, ammo amma tana ifsaani ya worrati ifse.


Anini hayyu aka hojatu tiyya Daudi jiru worraa kenna, ka tisse worra qorqoratu.


Anini lafa guddo mid'aani baaftu worraa kenne beelale lafa suni keesaa balleesa. Gochiti d'ibileeni deebite worra goyeesite intufattu.


Gaafasi gaareeni mukha zabibu baaftu daad'iini iraa jidde, kubile aanaani iraa lolaani; lagi lafa Yuda ch'ufti iyyaa. Madditi Mana Waaqa keesaa yaate Bale Shitimuti naqati.


Hojja kara kana tokoleeni isa gadi ind'iisini, isaafi ilmaani isaale ha ganna woi woli deebisani kaani gad'iisani.


Inni gaafa d'ufu jabeenna AABBO Waaqatifi guddinna isaatiini gumi ufii tissa. Gumiini isaaleeni nagayaani teeti, waan nami lafa keesa jiru ch'ufti guddinna isaa beekhuufi;


Aka nami dukana keesa tataufi ka gaadisa duisa keesa tatuleti ifsu, aka faana teenna kara nagayaati qajeelchu.


Ifsa ka gosa d'ibileti ifsu, ammalle ka guddinna gosa tante Israeliti kennu.


Lubbuuni Aabbo na gubba teeti. Inni ya na muude aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeesu. Inni ya na erge aka worra hid'ani waan hiikhaansa himu, aka ballaleeni lafa argu, aka nama gaargalchani gaargala keesaa baasani,


Anini karra. Yo nami naani olseene imbaafama; ammalle seene, gabahe d'eeda argata.


Yesoni ammalle dubbate waan worraani jed'e, Anini ifsa lafaati. Nami na gula d'ufu dukana keesa indeemu, ammo ifsa jireennaa argata.


Atini ila worraa bante, dukana ira gara ifsa worra deebifta, ammalle jabeenna Sheet'ana iraa Waaqati worra deebifta; aka d'ugefacha worri na d'ugefateeni daba worraa araaramaniifi, gumi Waaqi fohate keesati fulla argatani.


wonti mullisani suni ch'ufti ifsaa taati. Wonti, Kai, nama rafe, duisa keesaa kai, Kristoni siti ifsa jed'aniifi tana.


Isanumanu duri dukana keesa jirtani, ammo haga gumi Aabbo taatani, ifsa ke jirtani. Tanaafi aka nama ifsa keesa jiru tahu maltani.


Inni lafa dirre quubsise, mid'aani oobru nyaachise. Inni d'akha keesaa damma worra quubse qarsa keesaa d'ad'a kenneefi.


Inni ya jabeenna dukana keesaa nu baase, nagayaani finna Ilma isaatiini nu gahe.


Ammo isani gosa Waaqi fohate, qaalole hayyuti, gosa qulqullo, gumi Waaqaati, ta aka huji Waaqa ta mama odeesitaniifi fohatani, ka dukana keesaa ifsa isaa ka mamaati isani yaame.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ