18 AABBO Waaqi waan jed'u, worra gurra inqamne ch'aqasa! Worra ila inqamne, aka dansaa ilaala!
Waaqi waan jed'u, gumi tiyya gayaama, worri ila qaba, ammo woma inargu, gurra qaba, ammo woma ind'agau!
Gaafasi ballaani lafa arge, duudani wo d'agaye.
Gaafasi duudaleeni dubbi kitaaba ta soomani d'agaye, ballaleeni ka duri lafti iti dukanooftu amma ila banate wo arga.
Gurra woini d'agayanifi ila woini arganile AABBO Waaqati namaa kenne.
Inni waan ergattu Yohanatiini jed'e, D'aqa, waan argitaniifi waan d'ageetani Yohanati hima: ballaani lafa arga; naafi kae deema, nami qomaat'a qabu inqulqullaa, ka gurri duude ind'agaya; nama due inkaasani, Odu Dansa hiyyeeyiti odeesani.
Jennaani AABBO Waaqi waan jed'eeni, Eentu afaani namaa kenna? Eentu afaanifi gurra nama duucha? Eentu ila nama bane duucha? Ana, AABBO Waaqaaniti?