Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Isaya 42:10 - KITAABA WAAQA

10 Faaru hareetini AABBO Waaqa faarsa; lafti ch'ufti ha isa faarsitu! Isani worri baariini keesa yaufi wonti baariini keesati gala isa faarsa! Lafa fagootifi nami isi keesa tauleeni isa faarsa!

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Isaya 42:10
32 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Bisaani baariinitifi wonti iti gala ch'ufti ha dibbiftu; oobrufi wonti keesa jira ch'ufti ha gammadu!


Wonti lubbu qabaa ch'ufti AABBO Waaqa faarsa! AABBO Waaqa faarsa!


Sirba hareesa sirba, aka dansaa kiraari d'aa, gammadaa sirba!


Inni faaru hareeti Waaqa keennaani faarsani na barsiise. Nami hedduuni waan kana arge sodaate AABBO Waaqa abdata.


Atini dabsacha nu kennite, waan mama tolchite nu baafte, akasiini kad'acha teenna nuu d'ageete. Nama lafa keesa jiru ch'ufafi ka galaana gama jiruleeni ch'ufti si abdata.


Hayyooti Tarshishitifi ta lafa d'aatu bisaani jirtuleeni damoosa isaa baafti. Hayyooti Araftitifi ta sidaama woi isaa baafti.


Lafafi gubbaleeni ha gammadu! Bisaani baariinitifi wonti iti gala ch'ufti ha dibbiftu;


AABBO Waaqi lafa fida! Laftileeni ha gammaddu! Lafti afaani baariini jirtu ha gammaduti!


Duuba Musafi worri Israelileeni faaru tanaani AABBO Waaqa faarsani: Anini AABBO Waaqa faarsa, waan inni aka jaba nyaapa ufii dabsateefi; inni ya fardafi worra yaabatule galaanati jisse.


Wonti akanatiifi AABBO Waaqi guyya jaa keesati gubba, lafa, galaanafi waan keesa jirale ch'ufa mid'aase, guyya torbeeso hafuura baafate. Tanaafi AABBO Waaqi Sabato eebise qulqullo tolche.


Gaafasi Aabbooni ammalle harka ufii d'eerefate, nama isaa ka lafa Ashurutifi Misiritiifi, Pathrositifi Kushitifi Elamutifi Babilonitifi Hamathitifi lafa d'aatu baariinitifi lafa bisaani baariini jiddu jirtu keesati hafe, galcha.


AABBO Waaqa faarsa, inni yayu waan jabdu tolche. Waan kana lafa ch'ufati odeesa.


Inni ufi jibbaate garaa ilaafu haga lafa ch'ufa keesati d'uga jabeese guututi. Lafti fagoleeni seera isaa guddo teete eegatti.


Ee gubba gammadaani sirbi! Ee lafa, lalabi! Ee gaareeni, gammadaani sirba, mukeeni baddaleni ch'ufti ha sirbitu! Wonti akanatiifi AABBO Waaqi Yakobo baase, Israeli keesa guddinna ufi garsiise.


Babiloni keesaa yaa, worra Babiloni duraa baqad'a! Odu tana gammadaani lalaba odeesa, muumme lafale geesa; AABBO Waaqi yayu hojatu isaa Israeli baase jed'a.


Ee gubba, sirbi, ee lafa gammadi, lalabi! Gaareenileeni ha farqatte sirbitu! AABBO Waaqi gumi ufi jabeese, nama isaa ka gaargala qabu naha.


AABBO Waaqi waan nani jed'e, Anini huji jabdu sii kennu qaba, hojatu tiyya. Atini worra Yakobo galchite, worra Israeli ka hafe guddinnati deebifte; ammo hagasi ch'allaniti, anini ifsa gosa ch'ufale si tolcha, aka akasiini lafti ch'ufti baafama kiyya argattu.


Anini hurrise d'ufe worra baasa, baafami kiyya d'io jira. Amumati harka kiyyaani gosa ch'ufa fida. Lafti fago na eedde irre tiyya abdatti.


Geejibi gaalaa hedduuni ka lafa Midianitifi Efa d'ufe, worri Shebaleeni worqifi hit'aanaani d'ufe, odu dansa ta waan AABBO Waaqi tolche odeesani!


Hobolooni sunini lafa fagooti gumi Waaqatini d'ufti. Isiini qarsifi worqi maqa AABBO Waaqa qulqullo Israelitini guddisaniini d'ufti — Waaqa ka gosa ch'ufa gumi isaa guddisisu.


AABBO Waaqi yayu dubbi tana muumme lafati hime waan jed'e. Waan isani gumi Yerusalemutini jettani, me ilaala, nami isani baasu d'ufuu jira! Inni gumi baaseni d'ufuu jira.


Worri gammade sirba, ammo isani garaa hammaatani laalefatani bootani.


AABBO Waaqi worra sodaachiise, waaqoota worrale waan woma keesa injirre tolcha. Duuba gochiti ch'ufti lafa ufi keesati isa durati gajette kad'ati.


Worri suni barch'uma guddinnatiifi waan lubbu qaba afraanifi jaaroleti fuula deefate sirba haraa sirbe, ka nami tokoleeni dandae imbeenne worra male. Nami lafa keesa jiru ka baasani worruma ch'alla.


Sirba haraa sirbani, waan jed'ani: Aki atini woraqata fud'atte beesisa isi ch'absitu sii malte. Wonti akanatiifi si ijeesani, atini dua teetiini nama Waaqa bitte, gosa ch'ufaafi afaani ch'ufaafi lafa ch'ufa keesa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ