Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Isaya 41:24 - KITAABA WAAQA

24 Isanifi wonti isani tolchitanileeni woma keesa injirtani; nami isani kad'atuleeni kara badii keesa jira!

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Isaya 41:24
17 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Nami isa mid'aase isa abdate ha akuma isa tahuti.


Yo nami seera gula deemu didu Waaqi kad'acha isaale jibbe ch'aqasule dida.


Wonti akanatiifi AABBO Waaqi nama hameenna tolchu jibbe, nama d'uga tolchu wahelfate, d'ossani woi iti hima.


Waaqa worrale ch'ufa gubde waaqa woma keesa injirre, ka nami mukhaafi d'akha boch'e harkaani mid'aafatu.


Waaqooti akana kunini ch'ufti woma keesa injirtu; isiini dandeete woma intolchitu — irreefi jabeenna womatu tokole inqabdu.


Worri hojja galu, reefa worra na dide arga. Raamooni worra nyaatu haguma jirtu indootu, ibidi worra gubu haguma jiru ind'aamu. Reefa suni nami ch'ufti ilaani jibba.


Waan kana arginaani nami mame, daalle woma imbeenne ufi sehe. Nami waaqa harkaani boch'atu ufumaa ch'eera, wonti akanatiifi waaqi inni mid'aasu sunini woma d'araati, lubbu inqabu.


Ammalle woma keesa injiru, inni woma tufii, ka tufatani; gaafa Waaqi worrati kau, imballeesani.


Wonti akasi sunini akheekhuma oobru bododa keesa kayani haranqeesani d'owani; wonti sunini dandeete indubbatu, baatani male dandeete ufiini indeemtu. Waan akana kana insodaatina; dandeete waan dansaafi hamtule si intolchitu.


Worri ch'ufti raatu, woma imbeekhu, worri dandae mukha boch'ani iraa maani barata?


Tanaafi amma waan sagale waan harkaani boch'ani baasani: nu imbeenna aka wonti harkaani boch'ani suni fakeenna waan injirre; ammalle nu imbeenna aka Waaqi toko ch'allaani jiru.


Waaqi nama waan boch'ani waaqa jed'e kad'atu ka d'akha taanaani, mukha taanaani, sibiila taanaani mid'aase d'ossani kad'atu ha abaaruti, AABBO Waaqi waan akana kana guddo jibba. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu.


Waan worri boch'e aka waaqa kad'atu ch'ufa guba balleesa. Qarsifi worqi waan suniti jirtu d'araatani infud'atina. Yo akasi taatani ya t'urura keesa ufi buuftani wonti akanatiifi wonti suni waan AABBO Waaqi guddo jibbu.


Waan Waaqi jibbu kana tokole mana keesani keesa inkayina: hegeri abaarsi waan suni isaniti deebia. Waan aka waaqa kad'attani kana ch'ufa jibba, tufad'a, wonti akanatiifi AABBO Waaqi ya waan suni ch'ufa abaare.


Adda isi gubba maqa waan d'ossa irati t'aafani: Babiloni Guddo, haad'a sharmut'afi t'uri lafa keesa jirtu ch'ufa jed'ani.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ