25 Waaqa qulqullo, eenuni wolbira qabani? Nami aka isaa lafa keesa injira?
Ee AABBO Waaqa, waaqi d'ibiini ka aka keeti tokoleeni injiru, ka waan atini hojatte taka hojate injiru.
Woldeenna worra qulqullo keesati si ulfeesani, worri suni ch'ufti si sodaata.
Ee AABBO Waaqa, Waaqi d'ibiini aka kanke jiru eenu? Eenuti aka kanke qulqullooma gudda qaba? Eenuti waan mamatiifi huji jabdu aka kanke dandae tolcha?
Waaqa eenuni woli bira qabani? Yokhaani eenuti dandae aka inni jiru namati hima?
AABBO Waaqi waan jed'u, Isani anaafi eenu woli bira qabattani? Nami aka kiyya d'ibiini injira?
Nami tokoleeni, ka Waaqa ibida keesa dubbate, aka isani d'ageetani kana d'agaye lubbu bulle injira?
Akheekha waan tokole, ka lafafi gubbaafi, bisaani lafa jala jirale boch'ite imid'afatiini.