23 Inni nama irre qabu, ka lafa fidu, balleese, nama woma keesa injirre tolcha.
inni qaalole huji qaalluma iraa fuud'e worra jajabaale balleesa.
Inni worra lafa fidu ch'eerse, worra irre qabu irre isaani balleesa.
Inni worra worra dabse suni tufate, lafa aloo ta kara inqamne ke marse.
ilmaani hayyoota ta ufi gugudiftule, diqeese, hayyoota gugurdole mudamsise.
Guyyaani ind'ufa, ka nama kiyyibu hobaasani nama ufi saadule balleesani. Gaafasi AABBO Waaqa ch'alla guddisani.
Guyya suni AABBO Waaqi guddaani nama irre qabu ch'ufa diqeese, nama kiyyibe ufi saadule ch'ufa akasuma tolcha.
AABBO Waaqa guddati waan kana malate. Woni inni malateefi aka kiyyiba worra suni balleese jara isaani gugurda ch'eersu.
Lafa keesa hayyu d'abani, jari gugurdaani isa jala hojatuleeni ch'ufti bada.
Isani ya baddaani! Worra qaroo ufi seehe, Nu qalbi qamna ufiini jed'u,
Anini hayyu Moabu ijeese jara lafa suni gugurdale ch'ufa fit'a.