18 Waaqa eenuni woli bira qabani? Yokhaani eenuti dandae aka inni jiru namati hima?
Atini aka kiyya jabaa? Qonqooni tante aka tiyyaa imandiiti?
Nami aka AABBO Waaqa keenna jira tokoleeni injiru! Inni gubba taa,
Nami gubbaa jiru, ka aka kanke jiru injira? Worri gubbaa, nami si gahu, tokoleeni injiru.
Woldeenna worra qulqullo keesati si ulfeesani, worri suni ch'ufti si sodaata.
Ee AABBO Waaqa gudda, jabaani aka keeti tokoleeni injiru. Ee AABBO Waaqa, atini waan ch'ufa keesa d'uga tolchita.
Ee AABBO Waaqa, Waaqi d'ibiini aka kanke jiru eenu? Eenuti aka kanke qulqullooma gudda qaba? Eenuti waan mamatiifi huji jabdu aka kanke dandae tolcha?
Akheekha waan tokole, ka lafafi gubbafi bisaani lafa jala jirale boch'ite imid'aafatiini.
Inni waan jed'eeni, Ha bori taatu, Musani waan jed'eeni, Aki atini jette ha tahu. Akanaani aka Waaqi d'ibiini, ka aka AABBO Waaqa keenna jiru, injirre beeta.
Maro tana hojatu tanteetiifi worra Misiri ch'alla ingaargalchu, ammo sile ingaargalcha, aka akasiini atini aka Waaqi d'ibiini na male lafa keesa injirre beetu.
Waaqa qulqullo, eenuni wolbira qabani? Nami aka isaa lafa keesa injira?
AABBO Waaqi, ka worra Israeli fide qorqoratu, AABBO Waaqi guddaani waan jed'u, Anini ka qarati, ammalle ke eegeti, ana male waaqi d'ibiini tokoleeni injiru.
AABBO Waaqi waan jed'u, Isani anaafi eenu woli bira qabattani? Nami aka kiyya d'ibiini injira?
Waan duri tahe qaabad'a, Waaqi anuma, ka d'ibiini injiru. Anini Waaqa, nami aka kiyya d'ibiini injiru.
Gumi Israeli, waan AABBO Waaqi isaniini jed'u, ch'aqasa.
Waaqi Yakobo aka worraa injiru; isumati waan ch'ufa uume, ammalle worra Israelile isumati fohate gumi ufi tolfate maqaani isaa AABBO Waaqa gudda.
Ee AABBO Waaqa, nami aka keeti lafa keesa injiru; atini gudda, maqaani kankeleeni gudda, ammalle jabeenna qaba.
Waaqi aka keeti injira? Ee AABBO Waaqa, atini ch'ubbu namaa araaramte wollaala gumi teeti ta hafte biraa deemtaafi. Atini haga jiru jireenna indallantu, ammo atini jaalala tante ta ind'umanne nu garsiisu feeta.
Waan nu ijoolle isaa taaneefi, waan Waaqi aka worqi yokhaani aka saldaqa yokhaani aka d'akha nami harkaani boch'u jiru nu sehu himmalle.
Isani worra gosa Israeli, Waaqi aka waaqa keesani jiru tokoleeni injiru, ka woi yaabate guddinnaani gubbaa deeme dumansa keesa deeme qarqaarsaani isanii d'ufu.
Gaafa AABBO Waaqi ibida keesa gaara Sinai irati isaniini dubbate, isani waan isa fakaata tokole ingarre. Tanaafi ira jirti teesaniifi aka dansaa mid'aafad'aa hubad'a,
Kristoni Waaqa imullanne fakaate Waaqa nu agarsiisa. Inni Ilma angafati, waan uumani ch'ufa ira jira.
Inni ifsa guddinna Waaqatiini biliqa, akuma Waaqi jiru innileeni jira, waan uumani ch'ufa dubbi jabeenna isatiini olqaba. Eegi daba nama iraa qulqulleese, inni gubba harka mirga ka Waaqa Guddinna gubba tae.
Nami tokoleeni ka aka AABBO Waaqa qulqullo injiru; isa male tokoleeni ka nama jabeese qorqoratu injiru.