6 Guyyaani ind'ufa, ka waan mana kanke keesa jira ch'ufafi waan ababooti tante olkeetele ch'ufa fuud'ani, lafa Babiloni geesani, wonti tokoleeni inhaftu.
isaafi hori mana hayyu keesa jiru ch'ufa Babiloni geese. Akuma qara AABBO Waaqi duraani hime kaani, hayyu Nebukadrezani miha worqi ka hayyu Solomoni Mana Waaqa keesati mid'aase, ch'ufa ch'ach'abse.
Ganni roobe jennaani hayyu Nebukadrezani Yekonia boojie, Babilonitini gale, miha Mana Waaqale ch'ufa boojie, abbuya Yekonia, ka Zedekia jed'ani, hayyu Yudatifi ka Yerusalemu tolche.
Inni Mana Waaqatifi miha isaatiifi waan dansa keesa jira ch'ufafi miha mana hayyutifi hojattu isaale ch'ufa boojie, lafa Babiloniti geese.
Ammalle anini waan diri kuni qabu ch'ufa, horifi mihaafi waan hayyuuni Yuda qabu ch'ufale, harka nyaapa isaniti kenne, nyaapi sunini boojie lafa ufi geesa.
Woya irreeni siraa hiikhani faaya atini naqatu ch'ufa siraa yaafatani.
Aabbo Waaqi Yehoiakimu, hayyu Yuda, harka isaati kenne, ammalle inni miha Mana Waaqa haga toko boojie. Inni nama gari boojie, mana waaqoota isaa ka Babiloni jiruti geese, miha boojie kaanile mana waaqoota isaa keesati olkaye.
Jennaani hayyichi namicha Ashpenazi jed'ani, ka hojatu isaa ch'ufati mataa, yaame waan jed'eeni, Worra Israeli ka boojiani kana keesa, kaima d'aloota hayyutifi ka worri isaani worra gurra qabu fohad'u.