3 Yo atini dubbatte nuu kalchite, gochiti iyyana woraanaa d'ageennaani duraa baqatti.
Gochiti mudamte, lafti chochote, Waaqi mandie, laftileeni bat'i.
Ee Waaqa, worra inhobaasini, aka worri kiyya worra indeene; jabeenna keetiini worra dabsad'i, gargari firfirsi, ee AABBO Waaqa wonte, teenna.
Akuma aari lafaa kae baddu, innileeni worra balleesa; akuma ibidi haanch'aa bassu akasuma Waaqi ch'ubbicha balleesa.
Nami goraade nama ijeeftuufi, t'iya nama woraantufi, gaargala woraanaa baqachu jira.
Akuma awaanisi wo nyaatu, waan worraa ch'ufa saamani boojiani.
Yeremia, atini waan anini jed'e kana ch'ufa worrati himi, waan jettuuni: AABBO Waaqi gubbaa itane, gara inni tau ka gubbati mandia. Ammalle gumi isati itane, aka nama zabibu ch'ach'arasu iyya. Nami lafa keesa jiru ch'ufti isa d'agaye,
qonqo isaa suni, hogaani isii, haga muumme lafa gaha. AABBO Waaqi gosa ch'ufa dubbi iraa qaba. Inni nama ch'ufa qorsumatini d'ufe worra ch'ubbu woraanani fit'a. Nami waan kana jed'e ana, AABBO Waaqa.