5 worri Yuda imaaga, waan worri gosa suni, ta hojja worri qarqaarsa fed'u ch'eersite qarqaaru dad'abde, d'ugeefateefi.
Guyya Waaqi gaargala isanitini d'ufu, maal taatani? Hojja inni lafa fagooti badi isanitini d'ufu, maal taatani? Nami isani iti baqatani qarqaarsa ira fed'atani eenu? Hori keesani eesati d'ofattani?
Waan nani jettani, Hiyo! Akasiniti nu nyaapa keenna dura fardaani baqanna. Inuma baqattani! Mala keesani, fardi keesani guddo oria, ammo worri isani reebu fardooleeni worraa hagasi ira oriiti.
Qarqaarsi worri Misiri namaa kennu woma imbahu, tanaafi anini worra Misiri Jawe woma keesa injirre jed'e, maqa iti baase.
Atini, mala keeti, waan worri Misiri si qarqaaru seeta? Ammo mali sunini nama ilaadu ule sehe yo inni lafati d'aabu ch'abt'e harka woraantu fakaata. Aki hayyuuni Misiri nama isa abdatu tolchu akasi.
Isani maanifi akana finna keesani jijirtani, waaqa gosa d'ibi gula yaatani? Akuma worri Ashuruu isani sobe, worri Misirileeni isani soba.