Kara gudda tokoti achi jira, ka kara Qulqullooma jed'aniini. Nami ch'ubbu qabu, ka kara suni suni gula deemu injiru, daalleleeni nama kara suni gula deemu iraa ingorsitu.
Ammo AABBO Waaqi ammalle dira suni keesa jira; waan d'uga male inni waan hamtu intolchu. Diirama ch'ufa ka inoolle dubbi gumi ufii d'ugaani qora; ammo nami d'uga inqamne ka dira suni, guyya ch'ufa ch'eera d'abe waan hamtu tolcha.
Tanaafi ato hojjaani ingahiini nama tokole inqorina. Qorsumaani muumme gaafa Aabbooni mullatu taati. Inni waan d'ossaniifi herega garaa nama ch'ufa diidati baasa. Gaafasi nami ch'ufti faaru inni argachu male Waaqa ira argata.