9 Akanaani nama ch'ufa qanch'arsani ch'eersani. Ammo Waaqa atini worraa inaraaramiini!
Ch'ubbu worra inaraaraminifi, daba worrale ind'ossini, waan worri nu ka naabo jaaru arrabseefi.
Diqaafi gudda, dureesafi hiyyeesa, wolumaani ch'aqasa.
Ee AABBO Waaqa gudda, kai, kooti na qarqaari; Ee Waaqa Israelii waan kana atumaani argi. Kai, gosa d'ibi ta Waaqa imbeenne gaargalchi, worra hamama waan ch'ubbu malatu lubbu imbaasiini.
Nami hafuuruma baafatani fakaata; diqaafi guddaleeni akuma taka jira, woma keesa injiru. Miisana gubba kai, biimi worri diqole inuulfatu, hafuurale ingahu.
Dameeleeni mukhaa ya gogodde ch'ach'abt'e, duuba nad'eeni guurte qoraani tolfatti. Waan biyyiti woma inhubannefi, Waaqi worra uume worraa nahe ineebisufi.
Nama diqaafi guddale ch'ufa ch'eersani, nama ufi guddisu ch'ufa diqeesani.
Ammo AABBO Waaqi guddaani waan d'uga tolche, guddinna ufii garsiise, gumi ufii qore, akasiini qulqullooma ufii mullisa.
Isani qayya naqattani d'ad'a ibsatani, waaqa keesani ka Moleki jed'ani kad'achu d'at'ani. Isani barbaada waaqoota nama fulla ch'ufaa ergitani, fulla ekheraani teetuleeni baatani.
Ammo ee AABBO Waaqa, atini mala worri nani ijeesu fed'e ch'ufa imbeeta. Ch'ubbu worraa inaraaraminiifi, daba worraale biraa indeeminifi. Worra dabsi, lafa buusi dallansu keesa balleesi.
ammo nami Lubbu Qulqullo arabsu araarama inargatu, haga hegeri daba qaba.
nami ch'ufti ya daba tolche guddinna Waaqa hanqate.
Nami tokoleeni waan daayya arguufi waan isani ira jiru ufi sehe waan keesani isani inhanqisiini, yokhaani kara d'aratiini, Ufi diqeesa, malaika kad'ad'a isaniini injed'iini. Nami akana kunini kiyyiba, waan qalbi qabu ufi sehe ammo waan ufi saaduufi inqabu;
Seeri kunini d'uguma waan qalbi qabu fakaata, yoyu irreeni malaika kad'ad'a, ufi diqeesa, nafa keesani garagalcha jed'u, Ammo dandae d'araa nafa nama ind'owu.
Ammo Yoshuani waan biyyaani jed'e, Isani dandeetani AABBO Waaqa inhojattani; inni Waaqa qulqullo, daba keesanile isani inaraaramu. Hojja waaqa d'ibi isa biraani kad'attani, inni dandae inoobsu.