Isaya 19:1 - KITAABA WAAQA1 Kunini d'aamsa waan lafa Misiri d'aamani. AABBO Waaqi hurrise dumansa gubba lafa Misiriti d'ufuu jira. Wonti harkaani boch'ani, ka worri Misiri kad'atu, isa durati holate, garaani worra Misirileeni isa durati laafa. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Kunini maqa worra muduunu suni keesaa wo d'uge: Hayyu Misiritiifi jara hojattu isaa gugurdafi jaarole isaatifi nama lafa isaa ch'ufafi nama gosa d'ibi ka lafa isaani keesa godaanule; hayyoota lafa Uzi: Hayyoota dira Filisti, ka Ashkelonifi Gazafi Ekroni, ammalle dira Ashdodi gama hafele; worra gosa Edomufi Moabufi Amonile; hayyoota Tirotifi ta Sidonile; hayyoota lafa afaani baariini ch'ufa; dira Dedanitifi Temafi Buzi; worra mata gabaabse ch'iratu ch'ufa; hayyoota Arafti; hayyoota gosa lafa gamooji keesa teetu ch'ufa; hayyoota lafa Zimritifi ta Elamutifi ta Medi ch'ufa; hayyoota lafa mirga ta fago teetufi ta d'io teetule woluma gulaani; gosa lafa gubba jirtu ch'ufa haguma isiini geetunu inobaasani. Duuba eege qit'isu hayyu Babilonile obaasani.