Isaya 18:7 - KITAABA WAAQA7 Guyyaani ind'ufa, ka AABBO Waaqi lafa galaani gargari kutu ta gochiti jabduuni irre qabdu keesa teetu, ta nama d'ed'eera nafi qulqullicha, ka nami lafa ch'ufti sodaatu qabdu, woi iraa fud'atu. Worri suni gaara Sioni fulla AABBO Waaqa gudda iti kad'atani, d'ufa. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Lafa suni keesa jara ergani tokoti, jira, ka hobolo ilaaduni mid'aasanini bisaani galaana gubba yau. Isani, jari ergattu kunini, ka yoosu armaani bahe, kaa gala! Lafa teesani ta galaani gargari kute, ta gochiti jabduuni irre qabdu keesa teetu, ta nama d'ed'eera nafi qulqullicha, ka nami lafa ch'ufa sodaatu qabdu d'aamsa kanaani iti gala.
AABBO Waaqi waan jed'u, Worra Sioni kaa, nyaapa keesani aka mid'aani d'aanani d'aana! Anini aka korma looni ka gaafa sibiila guraachatiifi qeench'a sibiila diima qabu isani tolcha. Isani gosa heddu d'aantani ch'ach'arasitani, ammalle hori worri kara dabatini argate iraa fuutani ana, abba lafa ch'ufaati baaftani.