Jennaani inni worra Moabu dabsate, nama qaqabe lafa ch'ich'ifsise nama sadi ch'ufa keesaa nama lama fit'e. Duuba akanaani worri Moabu isa jalati bule gibira baaseefi.
Lafti gamoojitifi diri isiileeni ha Waaqa faarsani! Worri Kedarileeni ha isa faarsu! Worri dira Sela keesa tauleeni ha fiit'e gaara irati gammade sirbuti!