20 Nami tokoleeni deebie lafa suni keesa intahu; Araftini tokoleeni waaro ufii achiti ind'aabatu. Tissituuni tokoleeni hori achiti intissitu.
Worri gosa Filisti ka gari qarsifi waan d'ibileeni d'ufeeniifi, ammalle worri Arafti hagi toko Elemiye kuma torbatiifi d'ibba torbatiifi korbeeyyi kuma torbatiifi d'ibba torba d'ufteeni.
Halkani suni ha duwa taaniti, qonqo gammada keesati ind'agayini.
Bad'aaso kiyya, fulla ati arra ree tante tisitufi fulla isiini guyya boqatu nati himi. Maani wonti anini hori tissitu d'ibi keesa si barbaadufi?
Anini Babiloni ch'affa lafa tolche, urunguni iti galti. Anini Babiloni haraa waan ch'ufa haruuni hare balleesa. Dubbi tana ana, AABBO Waaqa guddati jed'e.
Kunini d'aamsa waan Babiloni d'aamani. Akuma bubbeeni lafa gamooji bubbifte waan ch'ufa hartu, badiini lafa soda qabdu iraa d'ufte wo balleesiti.
Atini dira balleesite ona tolchite, maneeni isaa jajabdule ch'ach'absite. Maneeni dadansaani nyaapi keenna jaarate yayu haga jiru jireenna badde.
Nami lafa suni bineensa ch'ufaa gargari qoode kennuufi AABBO Waaqa. Bineensi sunini bara ch'ufa achiti gala lafti sunini haga jiru jireenna ta worraa taati.
Diri Hazori haga jiru jireenna one, fulla sareni diidaa iti galtu taha. Nami deebie achi intau. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
Maro dallansu tiyyatifi nami tokoleeni Babiloni keesa intau; isii ona tolchani, nami d'aatu dabru ch'ufti rifate maadefata.
AABBO Waaqi waan jed'u worra Merathaimutifi worra Pekodi had'a, fit'a, hobaasa. Waan anini isaniini jed'u ch'ufa tolcha. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
Gochiti mirgaa baate ya d'ufte Babiloni haate balleesite ona tolchite. Namaafi bineensi keesaa baqate, wonti tokoleeni ka iti gala injirtu.
Bineensa alaatifi worabesafi urunguti Babiloniti gala. Nami tokoleeni deebie keesa intau haga jiru jireenna.
Tanaafi mala anini dira Babiloniti malad'eefi waan anini nama isaa tolchu fed'u ch'aqasa. Ijoolle worraale alati hirkisani, nami ch'ufti iraa rifata.
Babiloni, atini gaara lafa ch'ufa balleesu fakaata, ammo ato akasi taatele, anini, AABBO Waaqi, nyaapa keeti. Anini si qabe, si ch'ach'abse, sii bulleese daara si tolcha.
Waan AABBO Waaqi aka Babiloni balleese ona nami keesa inteenne tolchu malateefi, lafti hollatte chochoote.
Lafti sunini badde, ona bineensi ala iti galu ka ilti namaa jibbitu taati. Nami tokoleeni ka iti galu injiru, nami arguleeni nahe mudama.
Diri isiileeni yayu bade, ona bisaani inqamne ka nami keesa injirre yokhaani ka keesale imbaane tahe.