Ila borutiifi ila adule ch'ufa nami isa sodaate, nami ch'ufti maqa isaatiifi jabeenna isaale d'eeta. Inni akuma laga yau, ka qilleensi AABBO Waaqa yaasu, d'ufa.
Worra Yerusalemu, dira keesaa baha, worra keesani ka galu kara mid'aasa! Kara balla ch'ira, d'akha keesaa guura! Baandera oliqaba, gosa ch'ufa garsiisa.
AABBO Waaqi waan gumi isaatini jed'e, Fulla woldeenna karaa ejaanja wo ilaala kara dullachaafi kara iraa dansa gaafad'a! kara suni gula yaa, nagaya argattani. Ammo worri waan jed'e, Hiyo nu kara suni gula iyyaanu.