Yo nami gumi isaa tokoleeni, ka duri boojiani, waan galuni d'abe, nami olla isaa ha isa qarqaare, qarsifi worqifi woreegaafi geejibaafi ammalle waan Mana Waaqaa ka Yerusalemu keesati Waaqaa baasani kennuufi.
Ch'ubbichi ha kara ufi lakisu, nami hameenna gula deemu ha herega ufi garagalfatu. Inni ha AABBO Waaqa keennati deebiu. Duuba inni naheefi hurrise araaramaafi.
Daimi ya nuu d'alate! Ilma ya nuu kennani! Isati hayyu keenna taha. Maqaani isaani yaamani: Abba mala dansaa, Waaqa Guddaya, Abba jiru jireenna, Hayyu Nagaya.