Jara duri jannoomaani gurra baafateefi ammalle jari woraana keesa worra Misiriti kalche, ka amma due boola ekhera keesa jiru, boola suni keesati worra Misiri ka raawateeni dubbate waan jed'u: Worri waaqa imbeenne ka woraanaani raawate kaani, ya arma d'ufe, ka ch'iisu kana, laala!
Bineensa kaanifi raaga d'ara, ka waan mama isa durati tolche, woliini qabani. Inni qara waan mama kanaani worra beesisa bineensa ufiraa qabu sobe, worra fakeenna bineensa ka boch'ani kad'atele. Bineensafi raagi d'ara, ato jiranu, galaana ibida keesa buusani gubani.