41 Inni harka isii qabate olfuud'e, gumi qulqullofi nad'eeni d'iirsi iraa due yaame, isi jirtu worrati kenne.
Yusufuuni ammalle injira, amma isuma lafa Misiri ch'ufa guddaani iti isa. Dubbini suni Yakobo mamsiifte, inni d'ugefachu dide.
Jennaani Eliyaani gurba fuud'e, gadini bue, had'ati kenne waan jed'eeni me ilaali, gurbaani ke injira!
Inni Fuud'i jennaani namichi gajed'e, bisaani iraa fuud'e.
Nami duu jiruleeni na eebise, anileeni haad'a hiyyeesale gammachiise.
Inni keessuma lafa teenna keesa teetu qorqorate, haad'a hiyyeesatiifi ilmaani hiyyeeyi qarqaare mala ch'ubbicha ch'ufa balleesa.
Inni gara isi d'aqe, harka qabe olkaase. Qannooni isi iraa galte, isiini worra gololchite.
Fullo dirati d'iaannaani, nama reefa baate yauni arge. Nami due suni ilma tokocha niiti d'iirsa inqamne, nama hedduti ka dira suni isi woliini jira.
Namichi due kaani kae tae dubbate. Duuba Yesoni haad'a isaati kenne.
Worri kaani kaima kaani ka jiru fuud'ani garaa jabaatani.
Petroni harka mirgicha isaa qabe oli kaase. Hojuma suni faanafi koometuuni isaa jabaatte,
Eegi suni jari Yeso heddannaani worra afaani Griki dubbatufi ka afaani Ebrania dubbatu wold'abani. Jari afaani Griki dubbatu nad'eeni teenna ta d'iirsowani iraa raawate, qooda sagale ka guyya ch'ufa keesati aka dansa inqorqoratani jed'e himate.
Jennaani Ananiani waan jed'e, Aabbo, anini ya nama heddu ira waan namicha kana d'agaye, aka inni gumi tante qulqullo Yerusalemu jirtu waan hamtu tolche.
Ato Petroni fulluma ch'ufa jiddu worra keesa dedeemu, inni fulla gumi qulqullo, ta Lidia teetu, d'ufe.
Nad'eeni d'iirsi d'uguma iraa due ch'eerifi qorqorad'u.
Niiti d'iirsa inqamne, ta nama qorqoratu inqamne, ya abdi ufi Waaqa ira keyatte, halkani guyya qarqaarsa isaa kad'atti.