Tanaafi gurri isaa lafa Shamu ch'ufa gahe, nama d'ukuba qabuufi ka fayyad'abaani gaargale, ka jinni qabu, ka gagabdufa, ka naafatele isatiini d'ufani, inni worra ch'ufa fayyise.
Nama toko ka haguma d'alate miili naafateeti jira. Guyya ch'ufa isa fuud'ani, fulla balbala Mana Waaqa ta mid'aadu jed'ani kayani, aka inni nama Mana Waaqa seenu hori kad'atu.